Posts

Showing posts from August, 2025

Ministiroota Barnootaa Lameen 1991 & 2021: Ibsaa Guutamaa fi Biraanuu Naggaa (ABO & EZEMA/GINBOT-7)

Image
Miniteera Barnoota Jaal Ibsaa Guutama hogganee waggaa 1 gadi keessa Oromiyaa keessatti Afaan Oromootiin akkasumas, Naannolee kaan keessattis afaan dhalootaatiin kutaa 1-8 akka barataniif hojii guddaa seenaatti galmaa'e hojjete. Anin ijoolle gaafa san Afaan Oromootiin barnoota kutaa 1ffaarraa eegalan keessa nama tokko, ragaa tokko. Odoo Oromoon qabsaa'uu baatee, Waldaan Maccaaf Tuulamni jiraachuu baatee, ABO jiraachuu baatee, warri akka Jaal Ibsaa Guutamaa, Janaraal Taaddasaa Birruu fi gootonni kumaatamni hin jirre tahee silaa har'aan tana qubee kanaan barreessuu hin danda'un ture. Isinis dubbisuu hin dandeessan ture.   Har'a bakki seenaan itti hojjetame kun nama sababa Sabboonummaa Oromootif qofa jaarmayaa siyaasaa Ginboot 7 (amma EZEMA) dhaabee Itoophiyaa Oromoorraa baraaruuf dhama'uun hoogganama. Siyaasni sabummaa haa hafu oggaa jedhan kan Oromoo jechuu isaaniti malee kan biraa miti. Federaalizimiin sabummaa haa diigamu hoggaa jedhanis ...