Posts

Showing posts from January, 2023

Dirreen Dirra Oromiyaati; Qoosaa Rifarandamii Dhiisaa!

  Dirreen Dirra Oromiyaati; Qoosaa Rifarandamii Dhiisaa! Sababa hin jirre uumanii shiraan Heerafi seeruma biyyattiin ittiin bultu cabsanii magaalota keenya takka takkaan Oromiyaa jalaa baasun bara cehumsaa keessa eegale. Dirre Dhawaan hanga jala bultii filannoon bara 1992 ABO keessaa dhibame bahe sun gaggeeffameetti Oromiyaa jalatti bulaa turte. Chartara Cehunsaa duras taanaan Dirre Dhawaan biyya Oromiyaa tahuutti beekamti.   Hogganoonni bara san magaalattii turan 'Dirre Dhawaan' filannoo bara 1992 san keessaa rarraafamtee hanga ibsi biraa bahutti mootummaa federaalaa jalatti akka bultu murtaa'uusaa 'Sabbarzeenaa' ETV'rraa dhagahuusaanii bara 2020 keessaa odeeffadheen ture. Ega gaafa saniitii eegalee kunoo magaalaan Dirre Dhawaa, handhuurri aartii Oromoofi jiddu galli Afran Qalloo, Oromiyaa jalatti hin deebine. Caaseffama Heera biyyatti cabse taatee argamti. Ammammoo biyyuma Oromoorratti orma waamanii 'rifarandamii' gaggeessina jedhu. Gaaffii Naannoon So...