Posts

Showing posts from February, 2024

Hundeeffama Waggaa 10ssoo - Oromiyaa Miidiyaa Networki - Ilaalchisee Waan Muraasa

Image
Hundeeffama Waggaa 10ssoo - Oromiyaa Miidiyaa Networki - Ilaalchisee Waan Muraasa Oromia Media Network industirii miidiyaa Oromoo keessatti miidiyaa fakkeenyaa guddaa miidiyaalee hedduuf tahe, miidiyaa sagalee mormiifi warraaqsa Oromoo baroota dheeraa keessatti shoora odeeffannoo dhiyeessuu adda durummaan bahachaa ture, miidiyaa Oromooti, miidiyaa Oromiyaati. Milkiiwwan gugurdoo tarreessanii fixuun ulfaatu, galmeessee jiraachuun beekamaa dha. Kan hojjetu qofti akkuma dogoggoru (kan hin hojjennee dogoggoruu hin danda'u) OMN'nis hojii keessa waan jiruuf hanqinoota qabaachuun hin oolu, dogoggoruunis hin oolu. Yeroo akkanaatis tahee yeroo kaan qoodni nurra eegamu, namni danda'u gumaachaan, kaan humnaafi dandeettii qabuun, gariin qeeqa ijaaraa tahen bira dhaabbachuu malee, dogoggora takkaafi lama sababa godhatanii itti duuluun (qeeqa diigumsaa sanuu daboo ormaaf bahuun) barbaachisaa miti. Miidiyaa olola farra Oromummaa tahan, guyyuu hordofaa, kan ofiimmoo xiqqeessuun sirrii mit...