Posts

Showing posts from July, 2026

"Shaggar"...Akkamitti? Eenyuun? Eenyuuf?

Image
"Shaggar"...Akkamitti? Eenyuun? Eenyuuf? Gaafii 11 Qabna! Sadaasa 20, 2022 Taayyee Danda'aa Araddoo'tiin Shaggar duraan Finfinneetti beeknayyu. Amma magaalaa Finfinneen alatti ijaaramuuf deemutu "Shaggari" jechaa dhageenye. Magaalichi magaalota marsaa Finfinnee fi gandoota baadiyyaa godina Addaa jala turan garii lagatee garii ammoo hammata jedhama. Yaadichi dansaa ta'uu mala. Garuu herrega kamiin akka sun ta'e "jarrinuu" waan beeku hin fakkaatu. Magaalaa Sandaafaa irraa gandi 03 Shaggar galee Sandaafaan gara Fiichee jedhame. Xaafoo fi Finfinnee keessa taree Fiichee baha jechuu dha. Kun misooma fi bulchiinsa gaarii dhugoomsuuf godhama jedhan. Ammoo caaseffamni kun firooma fi addooma inni Maaster Pilaanii bara EPRDF sana waliin qabu Rabbitu beeka! Qorannoon "Shaggar" ganna jaha fudhate jedhu. Jijjiiramaan gamanni reefu waggaa shani. Dubbiin wal-keessa jira fakkaata!  Akka aangoo, aadaa fi sirnaa silaa gaafii ...