Dirreen Dirra Oromiyaati; Qoosaa Rifarandamii Dhiisaa!

 

Dirreen Dirra Oromiyaati; Qoosaa Rifarandamii Dhiisaa!


Sababa hin jirre uumanii shiraan Heerafi seeruma biyyattiin ittiin bultu cabsanii magaalota keenya takka takkaan Oromiyaa jalaa baasun bara cehumsaa keessa eegale. Dirre Dhawaan hanga jala bultii filannoon bara 1992 ABO keessaa dhibame bahe sun gaggeeffameetti Oromiyaa jalatti bulaa turte. Chartara Cehunsaa duras taanaan Dirre Dhawaan biyya Oromiyaa tahuutti beekamti.  


Hogganoonni bara san magaalattii turan 'Dirre Dhawaan' filannoo bara 1992 san keessaa rarraafamtee hanga ibsi biraa bahutti mootummaa federaalaa jalatti akka bultu murtaa'uusaa 'Sabbarzeenaa' ETV'rraa dhagahuusaanii bara 2020 keessaa odeeffadheen ture. Ega gaafa saniitii eegalee kunoo magaalaan Dirre Dhawaa, handhuurri aartii Oromoofi jiddu galli Afran Qalloo, Oromiyaa jalatti hin deebine. Caaseffama Heera biyyatti cabse taatee argamti.


Ammammoo biyyuma Oromoorratti orma waamanii 'rifarandamii' gaggeessina jedhu. Gaaffii Naannoon Somaale kaasera jedhamu 'shira' WBUT/TPLF fi OPDO dhaabbilee maqaa qofaan turan kan ' Gurgura & Issa Liberation Front' jedhamutti fayyadamanii ofuma kaasani malee gaaffii ummaticha miti, gaaffii ONLF/ABBO's miti. 


Dubbiin ijoon ajandaan kun barbaadameef ammoo waan waraana amma Oromiyaa keessatti deemaa jiruun walqabatu fakkaata. Waraana dalga Oromiyaafi Ogaadeniyaa jidduutti uumuudhaan bu'aa siyaasaa irraa shaqaxachuufi. Rifarandamichaan hawaasa lameen walitti ega diraanii siyaasa shaqaxatanii boodammoo magaalatti Naannoo Ofdandeesse gochuuf malee hawaasa lamaaniifuu yaadanii miti.  Akeeka as duuba jiru hubachuun dansa. #WaanDabaa!


Wanni  ummata Oromiyaafi Ogaadeniyaaf nageenya waaraa fidu, Dirre Dhawaa Oromiyaa jalatti deebisuu dha. 

#DirreDhawaanOromiyaadha! 

_

Ibsaa Gammadaa 

Finfinnee, Oromiyaa

Comments

Popular posts from this blog

A Response to Lifetime President of Eritrea Isaias Afewerki's Remarks on Oromummaa

Oromo Nationalism and the Ethiopian Discourse: Between Misrepresentation and Democratic Aspiration

ነፍጠኝነትን የግል ርስት አድርጎ የነፍጠኛ ሥርዓት ባላደራና ጠባቂ መሆን: ከነፍጠኝነት የባሰ አሳፋሪ አረመኔያዊ (savage) ተግባር ነው!