Hundeeffama Waggaa 10ssoo - Oromiyaa Miidiyaa Networki - Ilaalchisee Waan Muraasa









Hundeeffama Waggaa 10ssoo - Oromiyaa Miidiyaa Networki - Ilaalchisee Waan Muraasa





Oromia Media Network industirii miidiyaa Oromoo keessatti miidiyaa fakkeenyaa guddaa miidiyaalee hedduuf tahe, miidiyaa sagalee mormiifi warraaqsa Oromoo baroota dheeraa keessatti shoora odeeffannoo dhiyeessuu adda durummaan bahachaa ture, miidiyaa Oromooti, miidiyaa Oromiyaati. Milkiiwwan gugurdoo tarreessanii fixuun ulfaatu, galmeessee jiraachuun beekamaa dha. Kan hojjetu qofti akkuma dogoggoru (kan hin hojjennee dogoggoruu hin danda'u) OMN'nis hojii keessa waan jiruuf hanqinoota qabaachuun hin oolu, dogoggoruunis hin oolu. Yeroo akkanaatis tahee yeroo kaan qoodni nurra eegamu, namni danda'u gumaachaan, kaan humnaafi dandeettii qabuun, gariin qeeqa ijaaraa tahen bira dhaabbachuu malee, dogoggora takkaafi lama sababa godhatanii itti duuluun (qeeqa diigumsaa sanuu daboo ormaaf bahuun) barbaachisaa miti. Miidiyaa olola farra Oromummaa tahan, guyyuu hordofaa, kan ofiimmoo xiqqeessuun sirrii miti. Sirreessuu, qajeelchuu, gorsuu, utubuu. Miidiyaaleefi jaarmayaalee Oromoo hundaafuu kanatu barbaachisa. Akka ummata bilisaafi biyya walaba qabuutti akka feenutti walitti gadi bahuun yoo xinnaate ammatti ni ulfaata. Qawwee babbanee ormaaf nama saaxila.




Akki itti OMN Afaanota hedduun hojii eegalee ture waan dansaa ture. Ammoo akka eegalame saniin deemuu waan danda'e hin se'u. Qarqaarsi godhamu, xiqqaachaa dhufuun rakkoo kana fide. Kunis Oromoon qubee lakkaa'e jedhamu (baratte jedhamu) waan warraaqsaafi falmaa bilisummaa dagatee ajandaa damee tikaa impaayerattiifi muummichaan bocamee kennamuuf jala deemuudhaan butamee bakka biraa jira. Akki itti duraanuu deemamaa ture, namoota bicuu, ykn murna/garee xinnoo tokko jala yaa'uun rakkoo jaarmayaalee miidiyaa jabeeffachuu dadhabuu kanatti nu geesse. Yeroo namoonni/gareeleen dhageetti qaban hedduun callisanitti rakkoon Oromoo himamuu hanqate jechuu dha. Rakkoon siyaasaa, rakkoon nageenyaafi sarbamiinsa mirga namoomaa himamuu dhabuun, ajandaa bocuuf qajeelchuurratti duubatti nama deebisa, injifannoo siyaasaa, dippiloomasiifi miidiyaa nama dhabsiisa. Namoonni dhageettii qaban fi gareeleen namoota muraasaan ijaaraman kiyyoo akka akka keessa seenuudhaan sakaalamuu akka danda'an hubachuu dhabuun, jaarmayaalee siyaasaa, falmaa bilisummaa, miidiyaafi kkf akka hin jabeeffanne nu tolche. Yeroo Oromoon hammeenya yeroo kamuu caalu keecha jirutti rakkoon Oromoo akka hin himamne, akka ukkaamamu tolchee jira.
Gara miidiyaatti yoo deebinu, akka saba guddaa miliyoona 50+'tti fi haala amma keessa jiru kana keessatti, inumaayyuu, yoo danda'ame(tokkummaan sochoonan ni danda'ama), Miidiyaa akka OMN ykn kan caalu, kan Afaan Amaaraafi afaan saboota impaayerattiitin akkasumas Afaan Ingiliziifi afaanota addunyaa jajjaboo birootin tamsaasan qabaachuuniyyuu Oromoorraa ni eegama. Afaan Amaaraafi afaan Saboota birootiin hojjechuun ilaalchafi olola hamaa Oromummaa yakkuurratti fuulleffate saaxilee tumsa obbolummaafi ollummaa dansaa ijaarrachuuf fayyada. Afaan Ingiliziifi afaan gugurdooo idil-addunyaatiin tamsaasunimmoo dippiloomaasii Oromoo-Oromiyaa ni utuba siyaasaa gaanfichaa, Afrikaafi addunyaalessa hubachuuf keessaayis qooda fudhachuudhaan dantaa biyyoolessaa Oromiyaa tarkaanfachiisuu keechatti nama gargaara. Itoophiyaan tan federaaloftu/konfederaaloftu yoo taates ta'e, kana diddee kan dhiitattus yoo taates, magaalaan guddoo Oromiyaa,n Finfinneen teessoo Tokkummaa Afrikaa -TA (African Union) tahuun ittuma fufa. Hambaa ilmee namaa, madda dimokiraasii addunyaa, bakka kalaqa Sirna Gadaa, fi biyya Janaraal Taaddasaa Birruu (kan Maadibaa leenjisee Sirna Appaartaayidiirratti bobbaase) Oromiyaatu Afrikaanota walitti qabuuf aanjaa itti qaba. Kanaafuu, tuulaa odeeffannoofi seenaa kijiba impaayerattiin Oromummaafi gurraachummaa hadheessuuf nurra tuulte diigaanii (deconstruction) Oromummaafi Afrikummaa deebisanii gadi dhaabuuf, miidiyaa gugurdaa afaan hedduun taamsasan nu barbaachisa. Sun gochuuf dura dursoo waan nu harka jiru jabeessuurraa eegaluu qabna. #OMN, #KeellooMedia, #ArraataBiyyoolessaaOromiyaa, #KMN, #Bultum, #RDS, #OBS, #FNN, #MichileMedia, #MiiltooMedia, #HNN, ... itti dabalaa tarreessaa.
OMN baga waggaa 10 guuttan! Guddina kana caalun, 11, 101, 1001, .... gahaa! Jabaadhaa!
_
Finfinnee, Oromiyaa


Comments

Popular posts from this blog

A Response to Lifetime President of Eritrea Isaias Afewerki's Remarks on Oromummaa

Oromo Nationalism and the Ethiopian Discourse: Between Misrepresentation and Democratic Aspiration

แАแแŒ แŠแАแ‰ตแŠ• แ‹จแŒแˆ แˆญแˆตแ‰ต แŠ แ‹ตแˆญแŒŽ แ‹จแАแแŒ แŠ› แˆฅแˆญแ‹“แ‰ต แ‰ฃแˆ‹แ‹ฐแˆซแŠ“ แŒ แ‰ฃแ‰‚ แˆ˜แˆ†แŠ•: แŠจแАแแŒ แŠแАแ‰ต แ‹จแ‰ฃแˆฐ แŠ แˆณแ‹แˆช แŠ แˆจแˆ˜แŠ”แ‹ซแ‹Š (savage) แ‰ฐแŒแ‰ฃแˆญ แАแ‹!