Warra Itoophiyaa Irreechaf Beekamtii Kennuu Diddu Hoogganantu Mootummaa Oromummaati Jedhamee Sabni Badiif Ittiin Kaadhimama
Warra Itoophiyaa Irreechaf Beekamtii Kennuu Diddu Hoogganantu Mootummaa Oromummaati Jedhamee Sabni Badiif Ittiin Kaadhimama
Itoophiyaan amma jirtu tun, akkuma duraanii ayyaanota ummataa sadarkaa Afrikaattuu dorgomaa hin qabne, kan hundeen isaanii qarooma Saba Gurraachaa tahe kanneen akka #Irreechaa, #Fichee_Cambalalaa, fi kkf hin fudhattu. Ni lagatti. Hamma dandeechetti ni ukkaamsitti.
Sirni Gadaa fi Fichee Cambalalaan UNESCO 'tti akka hamba ilmee namaa ijaan hin mul'anneetti galmaa'anii qabeenya addunyaatuu tahanii jiran. Itoophiyaatti garuu beekamtii ifaa (official) hin qaban. Irreecha UNESCO'tti galmeessisuuf carraaqqiin ittuma jira. Ammoo Ayyaana Guddaa Addababayiirratti kabajamu tahee Afrikaatti dorgomaa hin qabne Ayyaana miliyoononni bakka tokkotti kabajani dha. Keessatti Irreechi Hora Finginnee fi kan Bishooftuu, Harsadeetti kabajaman.
Labsiin 1334/2024 (Proc 1334/2024) lagannaafi qoqqobbii Itoophiyaan Oromummaa, Sidaamummaa, Walaayitummaa, Affaarummaa, Ogaadeenummaa, Hadiyyummaa, fi kkf irratti itti fufte nuuf mirkaneessa.
Durii kaasee hamma har'aatti Seerri fi imaammanni Itoophiyaan ittiin bultu moototarra sabarratti gadi fe'amu malee seera aadaa, duudhaafi dhugeeffannaa saboota biyyattii keessaa burqu miti. Darbee darbee seeronni qabsoo sabaatiin bahan (Fkn Federaalizimii, ofiin of bulchuu) takkaawuu sirnasn hojiitti hin hiikaman yookaan ammoo micciranii duubatti deebisuutu hojjetama.
Gabaabumatti, Biyyi/Impaayerri Itoophiyaa fi Mootummaan Itoophiyaa:
1. Irreecha, Fichee Chambalaa, Yahoodee, Gifaataa fi kkf ni lagatu. Ayyanoonni ummattoota buleeyyii (indigenous peoples) kunniin yaadatamuufillee hiree dhorkaman.
2. Seera lafaa akkaataa Sirna Gadaatti jiruuf beekamtii dhorkatanii lafa Oromoo maqaa misoomaatiin saamaa, duguggaa sanyii ittiin raawwatu,
3. Seera Gumaa, kan warra wal ajjeese walitti fayyisu danda'u lagatee seera walitti diinomsu irratti fe'uu argine,
4. Ijaarsota akka Oromootti jiran lagatee ykn diigee (Fkn ODP) kaanis seeran dhorkuuf (ABO, KFO,) Naannolee maqaa sabaa qaban jedhaman diiguu dabalatee sabaan ijaaramuu dhorkuuf hamoommachas jiru. Fkn gabatee konkolaataa Naannolee Itoophiyeessuun eegalameera). Maqaa Oromoo lagachuu hin dhiisne, maqaa nu nyaachuus hin didne! Ittiin diina nutti horuu yoo tahe malee Oromummaas, Oromiyaas hin fedhan.
5. Oromummaa fi Oromiyaa xiqqeessuuf halkaanifi guyyaa hojjeta. Labsiiwwan Ayyaanota Biyyoolessaa Lak. 1334/2025 kana dabalatee labsiiwwan daneessummaan ukkaamsanii sirna qeenxeetti dhiyaatu tuman hedduun bahaa jiru. Labsiiwwan heddu keessatti kew 2 ykn 3 jalatti waan baratamaa, faallaa Heera biyyattiitiin birmadummaafi tokkummaa sarbutu tumama. Akkas jedha. ''Labsii kana hojiirra oolchuuf jecha Finfinnee fi Dirre Dhawaan akka Naannootti lakkaa'amu'' jedha. Daba guddaa dha. Heera biyyattii labsiidhaan fooyyessanii, Finfinnee fi Dirre Dhawaa Oromiyaarraa muruutu hojjetamaa jira.
Comments
Post a Comment