Mootummaa Paartii Bilxiginnaatiin Mootummaa Oromooti Jechuun Oromoof Arrabsoodha!
Mootummaan PP Mootummaa Oromooti, Jechuun Oromoof Arrabsoodha
Mootummaan PP Mootummaa Oromooti Jechuun Oromoof Arrabsoodha, Sabas Duguuggaa Sanyii Dabalataaf Kaadhimuudha!
Mootummaan Abiy mootummaa Oromoo miti, Oromummaas miti. Mootuummichi akka namtokkeetti kan Abiy Ahmadi, akka gurmaa'ina siyaasaatti ammoo kan Paartii Bilxiginnaati. Paartiin Badhaadhina jedhamu akka hin jirre quba qabaadhu, (yoo shakkite Warra Boordii Finannoo bira dhaqii gaafadhu.) Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Xoophiyaa ( National Election Board of Ethiopia NEBE የኢትዮጵያ ብሔራዊ ምርጫ ቦርድ ) Paartii maqaa isaa Afaan Ingilizii fi Afaan Amaaraatiin walduraa duubaan Prosperity Party - ብልፅግና jedhamee beekamee beekamtii argachuuf gaafateef akkasumatti beekamtii kenne malee Paartii Badhaadhina jedhamuuf beekamtii hin kennine. Hin jiru.
Mootummaan Itoophiyaa dhufaatii Abiy dura tures Mootummaa Walaayittaa miti, kan bara Mallasaas Mootummaa Tagaaruu hin turre. Mootummaan HMD fi Mallaasaa Mootummaa ADWUI tan WBUT itti mataa taate turan. Warri OPDO WBUT'f ergamaa turan. Kanas amananiiru. Abiyyis isaanuma wajjiin hoggansarra ture malee humna haaraa qabsoo Oromoo keessaa bahe miti. Qabsoi Oromoottis Oromomummaattis hin amanu. Oromummaan Abiy biratti akka xinnaacguutti laalama. Kana isumatu jedhe.
Abiyyi, bara 2018 dura Warra Oromoo mataa dhahaa ture keessaa warra tarree duraatti himatamu dha. Kana yoom haaleree innimtuu? Ega aangoo Muummichummaatti dhufee as (2018 irraa kaasee) ammoo Oromoo golee Oromiyaa hunda keessa jirurratti Jaannama labse. Oromoon bara as dhiyoo kana, Oromiyaa Uumaan bareechee Jannata godhee kenneef keessatti Jaannama takkaa argee hin beekne keessa jira. Kanatu mootummaa Oromooti jedhamee ittiin boonamaa? Qaanii dha.
Filannoon Oromoon bilisa tahee filate hin jiruf malee oduma ummanni filateeyyuu mootummaa Oromooti jedhamee ibsamuu hin danda'au:
Sababni:
1. Mootummaa kan hundeessu paartii moo'edha. Yoo humnaanis tahe akkuma seera abbaa humnaattuu gareen aangoorra jiru maqaa ifatti ittiin beekamu qaba. Paartiin ammoo kan miseendotaati, maqaa qaba, danbii ittiin bulu qaba. Garee maqaa Oromoo lagateetoo ODP gatachiisee PP dhalcheen, ati mootummaa Oromooti jedhee waamuuf sammuun koo fudhatu. Illogical.
2. Kun saboota biraatiif dhaamsa dabarsu qaba. Mootummichi keessanii miti kan Oromooti jechuu dha. Jarri kun tuffii saboota birootiif qaban agarsiisa. Oromoon sammuu bilisaa kana hin fudhatu. Tuffii qofa miti, jarri kun Oromootti diina baay'isanii, filmaata dhabsiisanii ofitti harkisuu barbaadu. Kun shira summaawaa dha. Oromoon ofiif bilisoomee walqixxummaa ilmee namaa dhugoomsu fedha malee saboota biroo cunqursuu ykn tuffachuuf sababa tokkollee hin qabu. Kun aadaa, safuu fi duudhaa Oromoos miti akeeka qabsoo bilisummaa Oromootis miti.
Qabxiiwwan kunniin haqa (facts) dha malee ilaalcha siyaasaa ykn yaada namtokkee miti. Waan haqa kana faallessaa ragaa qabatamaadhaan bakka hin fashalsinetti, yaadi ati dhiyeessitu ummata burjaajessuudhaan cunqursiitootafi yakkamtoota haguggii/dawoo tahuu dha malee ummataaf falmuu miti. Gurratti si calaw!
Comments
Post a Comment