Jila Buttaa Qaluu Gadaa Karrayyuu

Jila Buttaa Qaluu Gadaa Karrayyuu

Karrayyuun, qaama ummata Oromoo Sirnaa Gadaan bulu, kan roorroo jaarraa hedduuf itti marmaartefi har'allee irraa hin cinneef takkaa hin jilbiinfanne, kutaalee Oromiyaa keessaa naannawa babalinni magaalaa akka maleetti gaaddidduu irratti uume jalatti aadaa, afaan, Gadaa fi eenyummaasaa tikfatee har'aan gahe.  

Keessattuu ajjeechaa jumlaa tuuta Gadaa Michilleerratti raawwatame, (ani yakka ganiinsa biyyaafi fonqolcha mootummaa Gadaa Karrayyuurratti raawwatamen jedha gochicha) saniin booda sirna kana gaggeeffataa jira. Kuni dandamannaa jabaa dha. Gadaan Karrayyuu, Gadaa Oromoo cinna tokko malee balaa gabrummaa dandamatanii har'a gahan muraasa keessa isa tokko.


Dhimma ka biraa biraa kanumaan walqabatuun, magaalonni akka Finfinnee, ''Shaggar'' (Galaan, Duukam), Bishooftuu, Mojoo Adaamaa fi kkf lafa qonnaan bulaa Oromoo xaafii oomishuudhaan Oromiyaarraa sadarkaa 1ffaa itti qabu, Godina Shaggar Bahaa (Shawaa Bahaa) lafa oomisha qonnaa guddaa, dhuunfatanii tuulaa dhagaafi bilookkeetiitti jijjiiruuf, karoorri haaraan (maaster pilaanii Oromiyaa bakka lamatti kutuu) gama Ob Shimallis fa'aan qophaa'ee jira.  
Suuraa: Shaggar (Magaalaa Maqaa Finfinnee kan biraa 'Shaggar' jedhu ergifachuun Godina Addaa Naanneessaa Finfinnee walitti makuun, Shimallis Abdiisaan kan uumame)


Kana malees, Giddugaleessa Oromiyaa keessaa bakka hambaaleen aadaa, duudhaafi dhugeeffannaa dhiibbaa fi cunqursaa hamaa keessatti tikfamanii har'a gahan, Godinni Shaggar Bahaa (Shawaa Bahaa) kan Aanaan Fantaallee qubsumni Karrayyuu keessatti argamu, wiirtuun Sirna Gadaa kun qubsuma Oromoo tahuunsaa dhawaataan dhoramee  aadaa alagaatiin akka liqimfamuuf karoorri Ob. Shimallis faa baasan kun badii guddaa dhaqqabsiisuunsaa hin oolu.  

Suuraa: Bishooftuu Magaalaa Buufata Xiyaaraa Aabbu Seeraa dabalatte


Godina Shaggar Bahaa kana keessatti, humna biyyattiitin olitti magaalomsuun, keessattuu imaammata magaalummaa tan Itoophiyaan ittiin beekamtu (tan Finfinneen 100% Oromoo turte har'a Addis Ababaa taatee Oromoon saba bicuu 20%) saniin qajeelfamuun misoomni magaalaa taasifamu, gabaabumatti walharkaa fuudhinsa lafaa Oromoorraa gara ormaatti taasifamu jechuu dha. Oromoo, Oromummaa fi Oromiyaa waan dhibiitiin bakka buusuu jechuu dha.    

Magaalaa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa (ZDAG) 

Suuraa: Adaamaa Baadiyyaa Naannassaashii Dhuunfatte

Kanaafuu, aadaa, duudhaa, Gadaafi eenyummaa Oromoo akkasumas biyya Oromoo tiksuun dirqama tahuu, biyyi waloo Oromoofi Oromiyaa diiguudhaan ijaaramtu jiraachuu akka hin dandeenye hubachuun barbaachisaa dha.  


Warri Jilaa Oofkalaa, Milkaa'aa! 

-
Hub: Maddi suuraalee; Fuula feesbuukii Visit Oromia fi Shimalis Abdissa)
Na Oofkalcha!  

-
Amajjii 6, 2026
๐ˆ๐›๐ฌ๐š๐š ๐†๐š๐ฆ๐ฆ๐š๐๐š๐š 
___

Comments

Popular posts from this blog

A Response to Lifetime President of Eritrea Isaias Afewerki's Remarks on Oromummaa

Oromo Nationalism and the Ethiopian Discourse: Between Misrepresentation and Democratic Aspiration

แАแแŒ แŠแАแ‰ตแŠ• แ‹จแŒแˆ แˆญแˆตแ‰ต แŠ แ‹ตแˆญแŒŽ แ‹จแАแแŒ แŠ› แˆฅแˆญแ‹“แ‰ต แ‰ฃแˆ‹แ‹ฐแˆซแŠ“ แŒ แ‰ฃแ‰‚ แˆ˜แˆ†แŠ•: แŠจแАแแŒ แŠแАแ‰ต แ‹จแ‰ฃแˆฐ แŠ แˆณแ‹แˆช แŠ แˆจแˆ˜แŠ”แ‹ซแ‹Š (savage) แ‰ฐแŒแ‰ฃแˆญ แАแ‹!